(Madda Oduu ABO/MOA/Arfaasaa 16, 2008) Godina Wallagga bahaa Ona Sibuu Sirreetti Medde 9,2008 Wayyaanee fi lukkeen ishee OPDOn barsiisotaa fi barattoota sossobanii ofitti hawatuuf maqaa walgahiin yaalii isaan godhan diddaa isaan mudateen milkii malee hafuu maddeen keenya gabaasan.
Dabballooti Wayyaanee barsiisotaa fi barattoota walga'ii kana irraatti argaman biyyattii keessatti akka waan jijjiirama fidanii isaan sobuuf wayta yaalanitti, jijjiirraan fiddan tokko iyyuu hin jiru, ummati Oromoo baroota irraa baroottatti goyyomsaa Wayyaanee fi olola kijibaan beelaa fi deega, hidhaa fi ajjeechaan dhumaa waan jiruuf karaa tokkichi nu baasu bilisummaa dha jechuun waaroo salphinaa uffisanii of irraa deebisuun beekame.
Haala kana irraa walgahiin Wayyaanee fi lukkeen ishee barsiisotaa fi barattoota Oromoo Baha Wallaggaa Ona Sibuu Sireef goote milkii malee fashale jechuun maddeen keenya naannichaa gabaasaniiru.
MOA
|